Yesuus Michuu Kee

Jesus is your friend

Michuu tokkon qaba. Michuun koo kunis michuuwwan kiyya kanaan duraa hunda isaani irraa adda, inni hunda isaan iirrayyuu ni caala. Inni nama dhugaa fi baayyee gara laafessa waan ta’eef michuu koo kana wajjiin atillee akka wal barattu nan barbaada. Maqaan isaa Yesuus jedhama. Hundumarra caalaa immoo kan namatti tolu innis michuu kee ta’uuf baayyee barbaaduu isaati.

Mee waayee michuu koo kanan sitti hima. Seenaa kana Kitaaba qulqulluu keessaa arganna. Kitaabni qulqulluun immoo dubbii Waaqayyoo waan ta’eef dubbii dhugaati.

Waaqayyo, addunyaa kanaa fi waan addunyaa kana keessa jiru hunda isaa kan uumee. Inni Gooftaa Waaqaafi lafaati. Inni waan hundaaf jireenyaa fi hafuura kenna.

Ergaa kana xumuri Yesuus Michuu Kee

God's creation

Yesuus Ilma Waaqayyooti. Akka inni nu fayyisuuf jecha waaqayyo, waaqarraa gara lafa kanaatti isa nuuf erge. Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa Yesuusiin, (bakka keenya bu’ee cubbuu keenyaaf akka du’uuf) hamma kennuufitti biyya lafaa (anaafi si’i) jaallate; kun immoo isatti kan amanu hundinuu jireenya barabaraa haa qabaatuuf malee, haa baduuf miti (Yoh.3:16)

Yesuus daa’ima dhalattuu, xiqqoo ta’ee gara biyya lafaa kana dhufe. Abbaaniifi haati isaa warri lafa kanarraa Yooseefii fi Maariyaam jedhamu. Inni dallaa loonii keessatti dhalatee gabatee loowwan irratti nyaattu keessa ciise.

Jesus' birth

Yesuus Yooseefiifi Maariyaam biratti guddate. Innis isaaniif ni ajajamaaf ture. Inni obboloota fi obboleetiwwan isaa waliin taphachu qaba ture. Yesuus Yooseefiin hojii mukaa hojjechuus ni gargaara ture.

Jesus and the lad with food

 

Yesuus guddatee yammuu nama gahaa ta’etti waayee  abbaa isaa isa waaqa irraa Waaqayyo abbaa uummata  barsiisaa lure. Innis, Waaqayyo akka isaan jaallatu  isaanitti mul’ise. Inni warra dhukkubsatan fayyisee  warra rakkataniif boqonnaa kenne rakkoo isaanii hiike. Inni daa’imman baayyee jaallata ture, michuu isaaniis ture. Inni daa’imman akka isatti dhihaatan ni barbaada ture. Daa’immaniifis yeroo ni kenna ture. Daa’immanis baayyee isa jaallatu. Yesuus wajjiin ta’uus nijaallatu ture.

Namoonni tokko tokko Yesuusiin hin jaallatan turan. Isaan waan isatti hinaafaniif isa jibbaa turan. Hanga isa ajjeessuu barbaadanitti isa jibbu ture. Guyyaa tokko warri isa jibban sun dhiphina guddaadhaan fannoo irratti harka isaa lamaaniifi miilla isaa mismaaraan mukatti rukutanii fannisanii isa ajjeesan.

Yesuus badii tokkollee hin balleessine ture garuu sababa aniifi ati badii cubbuu hojjenneef inni bakka keenya nuuf du’uun waan isarra tureef qofa du’e.

Seenaan Yesuus du’a isaatiin hin raawwatu. Waaqayyo du’aa isa kaase! Erga inni du’aa ka’ee duuka buutonni isaa isa arganiiru. Achiin boodas guyyaa tokko gara waaqaatti oldeebi’ee deeme.

Jesus on the cross

Hardha inni nu arguus, nu dhagahuus ni danda’a. Inni waayee kee waan hunda beeka, si jaallatas baayyee siifis yaada. Atis immoo kadhannaadhaan Yesuusitti hiiqi kadhadhu.

Rakkoo qabdu hunda isatti himadhu. Inni sigargaaruudhaaf yeroo hundayyuu qophaahaadha. Yeroo barbaaddeefi, bakka barbaadde hundatti mataakee gadi qabattee isaa wajjin dudubbachuu ni dandeessa.

Inni guyyaa tokko deebi’ee ni dhufa! Warra isatti amanan hundas gara jireenya barabaraatti ol isaan fudhata.

Jesus listening to a woman pray

Nu qunnami

Tiraaktiidhaaf ajaji